


Goototni Qeerroo baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa aadaa, seenaa fi gootummaa gotota qabsoo bilisummaa Oromoof wareegamanii tiksuu fi galmaan ga’uuf kan akeekkatan yoo ta’uu, Bitootessaa 15/2017 Qeerroon goototni baratootni oromoo kun gumii guddinaa fi dagaagina seenaa aadaa fi Afaan Oromoo keessatti hirmachuun qophii baay’ee ajaa’ibsiisa ta’ee mini Studeum mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessatti qopheeffachuun waleelee warraqsan barnoota guddaa wal barsiisan, eenyummaa Oromoos ifatti mul’isuunįarsan, Walleelee warraqsaa kan dhiyeenyaa kana artistootni Oromoo lama sirban, kan Artist Shukurii ” Miniliik nuf diinaa yaa Teedii maal baacaa” jechuun sirbee fi kan artisti Qamar Yosuuf wallisee” Miniliiki binensa” jechuun wallisee Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessa nanna’uun dhiichisanii sirbuun uummataaf barnoota guddaa dabarsuun, diinota Oromoo fi habashaa miniliikiin dhaadattutti eenyummaa dargaggoota Oromoo fi uummata Oromoo ifatti diinatti soda tokkoo malee agarsiisan.

Bitootessaa 16/2014 Adeemsi FDG fi warraaqsi qabsoo bilisummaa Oromoo haala jajjabeessaa ta’een Qeerroo gootota baratoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaatiin gagggeeffamaa jiru yeroo irra gara yerootti jabachaa jiraachuun ibsamera.
